• Fri. Jan 9th, 2026

Kaabinoonni Bilxiginnaa Godina Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti uummata nagaa saamuu cimsanii itti fufan

Oct 1, 2024

ONM-ABO Fulbaana 30, 2024

Qabeenya uummataa saamuudhaan dinagdee saba Oromoo quucarsuu kan barbaaduu fi haala suukkanneessaan duula duguuggaa sanyii sabicha irratti geggeessaa kan jiru murni nama nyaataan Bilxiginnaa, sababoota adda addaan hawaasa nagaa dararuu kan durii caalaa jabeessee itti fufeera.

Haaluma kanaan, kaabinoonni fi kaadiroonni PP Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Rahaa jedhamu keessatti, “lukkuu fi kanniisa bakka tokkotti horsiifna” maqaa jedhuun nama tokko irraa qarshii dhibba shan shan dirqamaan saamaa jiraachuu jiraattonni araddichaa himaniiru.

Akka jiraattonni araddichaa himanitti, “lukkuu fi kanniisni bakka tokkotti horsiifamuun waan hin yaadamne ta’uu himuun, murni aangoo of harkaa qabu, sababa sobaa garaa garaa maqaa dha’achuun, uummata ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan gidiraa argaa jiru, dirqamsiisee saamuu fi naasuu tokkollee hawaasa nagaaf dhabuu isaanii mul’isa” jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading