• Fri. Mar 13th, 2026

Loltootni Bilxiginnaa 10 Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabarat fi Ada’aa Bargaa irraa gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatan

Oct 1, 2024

ONM-ABO Fulbaana 30, 2024

Murni Bilxiginnaa maqaa mootummaa Oromoo tiksina jedhuun ilmaan Oromoo humnaa fi  goyyomsaan qabanii leenjii erga kennaniifiin booda barcuma siyaasaa isaanii akka eeganiif bobbaasanis ilmaan Oromoo dabaa fi shira murna faashistii PP irratti baruun gananii ba’aa jiru.

Haaluma kanaan kaleessa ganama Fulbaana 29, 2024  mooraa waraana Bilxiginnaa godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat irraa loltootni PP 8 qawwee AKM 8 hidhannoo waliin akkasumas aanaa Ada’aa Bargaa irraa loltootni 2 qawwee fi hidhannoo lama waliin mooraa waraana Abiy Ahimed ganuun WBO’tti harka kennatanii jiru.

Loltootni Bilxiginnaa mooraa diinaa gananii WBO’tti makaman kunis yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf akka kennanitti murni Bilxiginnaa hojiin isaa lola qofa deemsisuu fi lola bu’aa hin qabneen ilmaan Oromoo fixuu waan ta’eef    hojii badii isaan hojjetan  jibbinee baane  jedhan.

Simannaa WBO’n taasiseefitti baay’ee gammaduun ilmaan Oromoo miseensota waraana Bilxiginnaa ta’uun meeshaa diinaa baatanii jiran diina tajaajiluu jalaa ba’uun qawwee fi hidhannoo waliin WBO’tti akka makaman dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading