• Thu. Sep 24th, 2026

WFP’n lammiilee Libaanos miliyoona tokkoof gargaarsa nyaataa hatattamaa erge

Oct 1, 2024

ONM-ABO Fulbaana 30, 2024

Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) Dilbata  kaleessaa namoota miiliyoona tokko kan waldhabdee Libaanos keessatti hammaataa dhufeen miidhamaniif nyaata dhiyeessuuf hojii hatattamaa eegaluu ibseera.

“Dhuma torbee kanaa walitti bu’iinsi kun daran saffisuun dhaabbatichi gargaarsa namoomaa hatattamaa kennuu akka qabu hubachiiseera,” jechuun dhaabbati Room keessatti argamu kun ibsa baaseera.    

Israa’el Dilbata kaleessaa haleellaa qilleensaa haaraa Libaanos keessatti bakka Hizbollaan kudhanootaan lakkaa’aman argaman irratti raawwachaa akka jirtu ibsiteetti. Kunis hogganaa garee Iraaniin deggaramu Hasan Nasrallaa haleellaa boombii Beerut alatti raawwatameen erga ajjeestee guyyaa lama booda.

Boombiin Libaanos keessatti dhoohe kun “dadhabummaa ummata rakkoo kuufamaatiin ba’aa ta’e hammeessaa jira” jedheera WFPn. “Guyyoota muraasa keessatti gargaarsi WFP namoota haaraa qe’ee isaanii irraa buqqa’an kumaatamaan lakkaa’aman bira ga’eera,” jechuun daayreektarri sagantichaa biyya Libaanos, Maatiyoo Hoolingwort ibsa kennaniin dubbataniiru.

Itti dabaluudhaanis, “Rakkoon kun gadi fageenyaan yeroo deemu, deggarsa maallaqaa fi nyaataa walitti makameen namoota hanga miliyoona tokkoo gargaaruuf qophaa’aa jirra,” jechuun hawaasni addunyaa hanga dhuma waggaatti hojii kanaaf maallaqaan gargaaruuf doolaara miiliyoona 105 akka sochoosu gaafataniiru jechuun AFP’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading