• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begii keessatti Waraanni garboomfataa impaayerattii nama nagaa tokko ajjeesan

Oct 3, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 1, 2024

Murni Bilxiginnaa dargaggoota Oromoo lafa irraa duguuguuf karoorfatee hojjechaa kan jiru yoo ta’u, karaa tokkoon maqaa quunnamtii WBO qabdu jedhuun yoo ajjeesu karaa biraan ammoo jumlaan guuree adda waraanaatti erguun dhiiga isaaniin teessoo isaanii ittiin tikfachaa jira.

Dargaggoonni Oromoo har’a murna bilxiginnaa jalatti akka waan meeshaa hidhatanii itti dhukaasaa jiranitti fudhatamuun dargaggeessuma ta’uu isaanii qofaaf ajjeechaa suukkanneessaan loltoota sirnichaan irratti raawwatamaa jira.

Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Lalistuu Loophii keessatti waraanni Bilxiginnaa ergama badii fudhatanii uummatatti bobbaafaman nama nagaa maqaan isaa Haashiim Kaliifaa Abdulqaadir jedhamu bakka inni bineensa midhaan irraa eegaa jirutti guyyaa kaleessaa Fulbaana 30, 2024 rasaasa itti roobsuun ajjeesanii bira darbuu jiraattonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru. 

Namni kun nama nagaa hawaasa isaa keessatti jaallatamummaa guddaa qabu, siyaasa keessaa qoosa kan hin qabnee fi deggaraa paartii kamiillee akka hin taane jiraattonni himan.

Gochi dabaan uummata Oromoo irratti raawwatamaa oolaa jiru daangaa darbuun keessaayyuu erga waggaa ja’an Abiy Ahimed qabsoo uummataa butuun aangoo qabatee as qe’ee uummata Oromootti rakkinni wal ga’uun qe’ee isaa irratti gubachaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading