ONM-ABO Onkoloolessa 2, 2024
Uummanni godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa gandoota baadiyyaa Walanee Leemmuu, Biloo Ejeree, Laanfajjii, Caalii Jimaa fi Daarbas Garaadoo jiraatan sababa murni bixiginnaa hattoota ijaaruun baadiyyaatti bobbaaseen hiraarfamaa jiraachuu ONM’tti himan.
Bilxiginnaan loltoota waraana Bilisummaa Oromoo fakkeessuun dirree irraa harka kennachiise of dura qabuun dararaa bakkeewwan hedduutti uummata irraan ga’aa kan jiru yoo ta’u, uummanni gandoota baadiyyaa keessa jiraatu cufti jiraachuuf wabii jireenyaa dhabnee jirra kan jedhan qe’ee keenya gadhiisuuf murteeffannee jirras jedhu.
Namoonni baadiyyaa keessa lukkeelee Bilxiginnaan bobbaafamanii uummata saamaa jiran Dassee Xilaahuun, Cheruu yookaan Makkoo Baay’isaa kanneen jedhaman dhaloonni isaanii aanaa Gudayyaa Biilaa kan ta’an, yeroo ammaa hawaasa ba’aa fi gala dhorkaa akka jiran beekameera.
Ergamtoonni PP kunneen uummata baadiyyaa irraa qarshii hanga kuma dhibbaattis guuraa kan jiran ogguu ta’u, namoonni baadiyyaa jiraatan hunduu maqaa ilaalcha WBO qabdu jedhuun namnuu abdii jireenyaa dhabee akka jiru jiraattonni ONM’tti himaniiru.
