• Thu. Mar 12th, 2026

Magaalaa Naqamtee keessaa jiraattota ukkaamsanii hidhaatti darbachuun cimee itti fufe

Oct 6, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 4, 2024 

Loltoonni bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa ilmaan Oromoo badii tokko malee yakkanii ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisaa kan jiran yoo ta’u, addatti immoo dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun jumlaan qabanii mana hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa Bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti loltoonni faashistii PP namoota nagaa siyaasa kam irraa bilisa ta’an “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufanii jiru.

Fulbaana 30, 2024 nama maqaan isaa Obbo Kumarraa Nigaatuu jedhamu magaalaa Naqamtee ganda 03 bakka addaa Waachaa jedhamu irraa loltoonni faashistii Abiy Ahimed badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkanii ukkaamsanii hidhaatti darbachuun waajjira poolisii magaalaa Naqamtee aanaa 2’ffaa ganda 07 keessatti argamutti garmalee dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Akka maddeen himanitti, Obbo Kumarraan nama siyaasa kam keessa hin jirre yoo ta’u, maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun loltoonni sirnichaa yakkanii qabuun hidhaatti darbatan.  

Magaalaa Naqamtee fi aanaa Guutoo Giddaa keessatti dargaggoota ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuu haala duraan barameen olitti cimsanii kan jiran ta’uu himuun, sababa kanaan fedhiin namootni qe’ee isaanii irra jiraachuu xiqqaachaa dhufuu fi naannoo gadi dhiisanii godaanuun baay’achaa jiraachuu himeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading