• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaalee adda addaatti mootummaan garboomfataa PP ilmaan Oromoo irratti milishoota Amaaraa bobbaasuun ibsame

Oct 7, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 5, 2024 

Finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo jechuun of waamanii fi murnoonni bilxiginnaa waliin ta’uun ilaalcha sabboonummaa Oromummaa cabsuun Itiyoophiyummaa dagaagsuuf ilmaan Oromoo irratti gochoota suukkaneessoo gara jabina guddaan guuteen qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisanii beelaa fi roobaaf saaxilaa jiru.

Haaluma kanaan Fulbaana 30, 2024 godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee Jaardagaa Jaartee fi Amuruu keessatti loltoonni bilxiginnaa fi hidhattoonni Amaaraa waliin ta’uun yakkoota gara jabinaa daangaa darbe uummata irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni dubbisne ONM’tti himan.

Akka jiraattonni himanitti murni garboomfataa PP aanaa Amuuruu keessaa gandoota 22 fi aanaa Jaardagaa Jaartee keessaa immoo gandoota 24 keessatti loltoota isaa fi hidhattoota Amaaraa leenjisee bobbaasuun saamicha, reebichaa fi shamarran irratti gudeeddaa raawwachuu jiraattonni kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading