• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuu fi Qellem Wallaggaa Aanaa Gaawoo Qeebbee irraa miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii lama WBO’tti harka kennatan

Oct 7, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 4, 2024 

Bilxiginnaan waraana kumaatamaan lakkaa’aman dirqiin ijaaree bobbaasus waraanni sababoota adda addaatiin qe’ee fi qabeenya isaanii irraa dirqiin guuraman erga leenjii fudhatanii bobbaafamaniin booda sirnicha ganuun WBO’tti makamuu jabeessaniiru.

Murni abbaa irree Abiy Ahimed booji’amtoota waraanaa naannoo Tigiraay fi WBO’n booji’aman namoota qaamaa qalbiin miidhamoo ta’an dabalatee daa’imman dirqiin bobbaasee ajjeechaa akka uummata Oromoo irratti raawwannuuf nu bobbaasa kan jedhan loltoonni godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu mooraa magaalaa Waamaa fi godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee irraa kan ba’an dabaa fi shira sirnichaa balfuun WBO’tti makamnes jedhu.

Akka loltoonni kunneen jedhanitti waraanni raayyaa ittisa impaayerattii kunneen yoo madaa’an, yoo du’anii fi caban beenyaan tokkollee kan hin kaffalamneef ta’uu himuun, tokkoo fi tokko saba keenya akka fixnuuf nu bobbaasus jedhu.

Gama meeshaatiinis qawwee:

  • AKM turkii 1, 
  • dachaatuu 1, 
  • rasaasa 400 fi 
  • gumbii 6 baasuun galii dantaa qabsoo Bilisummaa Oromoof kan oolchan ogguu ta’u, gama waraana Bilisummaa Oromoonis simannaa ho’aan isaaniif taasifamuu ONM’f himan.

Dabalataanis loltoonni kunneen osoo hin beekinis ta’e dogongoraan hawaasa keenya irratti daba taasisaa turreef hawaasa keenya dhiifama gaafachaa hiriyyoonni keenya mooraa cubbuu Bilxiginnaa utubuuf qawwee garboomfataa PP baachaa jirtan abdii fi gaachana sabaa kan ta’e waraana bilisummaa Oromoo waliin yeroon hiriiruun saba keessaniif gaachana ta’aa jechuunis dhaamsa isaanii dabarsaniiruuf.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading