ONM-ABO Onkoloolessa 6, 2024
Uummata nagaa meesha maleeyyii hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi qe’eef qabeenya irraa buqqisuu akka gootummaatti kan ilaalu waraanni maafiyaa impaayera Itiyoophiyaa, golee Oromiyaa mara keessatti maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun gochoota suukkanneessoo garaa garaa hawaasa nagaa irratti raawwachuu jabeessee itti fufee jira.
Waraanni sirna dhableessi Bilxiginnaa kun Onkoloolessa 3, 2024 ganda Dichoo Abbaa Garmaamaa jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:
- Obbo Warqinaa Angaroo,
- Nugusee Dassaalee,
- Dhugaasaa Dansaa,
- Dinqee Alamaayyoo,
- Leensee Alamaayyoo,
- Aadde Dassaatuu Qixxeessaafi
- Daggituu Abdiisaa kanneen jedhaman badii tokko malee reebicha hamaa irraan ga’uun yoo hidhan,
- Obbo Faqqadee Fiixee fi
- Habtaamuu Tasfaa jalaa ammoo qabeenya guutuu waliin mana jireenyaa isaanii ibiddaan gubuun,
- Obbo Baay’isaa Dhugaasaa jalaa Loon saddeet (8),
- Malkuu Yaadataa jalaa loon kudha shan (15) akkasumas,
- Baacaa Alamaayyoo jalaas loon kudha shan (15) saamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun, Onkoloolessa 2, 2024 ganda Baddeessaa jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:
- Obbo Fayisaa Guree jalaa qabeenya guutuu waliin mana jireenyaa isaa ibiddaan barbadeessuun, loon soddomaa ol saamuun, haadha warraa isaa ammoo daa’ima dhiiga torban tokkoo waliin yoo hidhan,
- Obbo Alamaayyoo Yaadataa jalaas qabeenya guutuu waliin mana isaa barbadeessuun, loon shantamaa ol saamuun,
- Dargaggoo Mangee Gammachuu jalaa ammoo loon soddomaa ol saamuun, isa ammoo reebicha hamaa irraan ga’uun mana hidhaatti darbachuufi
- Dargaggoo Dhangaraasaa Qaabataafi abbaa isaa jalaa ammoo loon kudha saddeet (18) ol saamuun ibsameera.
Dabalataan, ganda Agaloo bakka addaa Tuulama jedhamutti ammoo namoota maqaan isaanii:
- Obbo Gaaddisaa Caaliii nama jedhamu jalaa qabeenya guutuu waliin mana jireenyaa isaa ibiddaan barbadeessuun, haadha warraa isaa ammoo reebicha hamaa irra geessisuu fi ollaama isaaniitii ammoo,
- Aadde Buzunee Baqqalaa kan jedhamtu reebicha hamaa irra dhaqqabeen du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen kenya itti dabaluun addeessaniiru.

