• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Jalduutti waraanni faashistii PP meeshaa gurguddaa ZU-23 dhukaasuun tiksee loonii tokkoo fi loon 4 ajjeesuun dhagaa’ame

Oct 8, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 6, 2024 

Ajjeechaan akka guutuu Oromiyaatti bifa haaraan kaadirootaa fi waraana sirnichaan waloon qindaa’ee adeemaa jiru lubbuu jiraattota danuu galaafachaa jiraachuun ibsame.

Akkuma kanaanis godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Osolee jedhamutti waraanni sirnichaa guyyaa kaleessaa Onkoloolessa 5, 2024 bulchiinsa magaalichaa irraa gara ganda baadiyyaatti maqaa sakattaa WBO’n bobbaatee meeshaalee gurguddaa ZU-23 dabalatee jiraattota nagaa irratti dhukaasuun lubbuu tiksee tokko dabalatee loon jiraattotaa 4 battalatti ajjeesee hedduus madeessuun himameera. 

Akka jiraattonni jedhanitti waraanni faashistii PP kunneen bakka Waraanni Bilisummaa Oromoo keessa hin jirretti lafa duwwaa dhukaasa banuun yoo himamu, daa’ima umuriin isaa 10 ta’e kan maqaan isaa ammaaf hin ifoomin jiru irratti dhukaasa dhukaasaniin lubbuu obbaasuus dubbateera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading