ONM-ABO Onkoloolessa 6, 2024
Waraanni murna garboomfataa PP uummata Oromoo badii tokko malee sobaan yakkuun, sababa Oromummaa isaanii qofaaf miidhaa hangana hin jedhamnee fi gochoota gara jabinaa suukkanneessoo ta’an garaa garaa guyyaa guyyaan hawaasa nagaa irratti raawwachuu itti fufee jira.
Haaluma kanaan, godina Lixa Shaggar aanaa Miidaaqanyiitti loltoonni faashistii PP haadha daa’ima baatii tokkoo haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuun, daa’ima ishees madeessuun ibsameera.
Fulbaana 22, 2024 waraanni sirna dhableessi sirnichaa aanaa Miidaaqanyii ganda Gambeella jedhamu keessatti nama maqaan ishee Aadde Wadaajee Abdiisaa jedhamtu osoo isheen daa’ima baatii tokkoo dugdatti baattee deemtuu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuun, daa’ima ishees madeessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen eeranitti, dubartiin kun nama siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabnee fi waraanni kabaja haadhummaa fi namummaa hin beekne kun haala suukkanneessaa ta’een akka bineensaatti ajjeesuun, daa’ima ishee mucaa dhiiga baatii tokko haadha malee hanbise jechuun miira gaddaan dubbatu.


