ONM-ABO Onkoloolessa 6, 2024
Waraanni garboomfataa PP maqaa sakattaa WBO’n godina Lixa Wallaggaa onoota akka Najjoo, Lataa Sibuu, Qilxuu Kaarraa, Mana Sibuu, Baabboo Gambeel, Jaarsoo fi kanneen birootti Onkoloolessa 3, 2024 sochii taasisuun hanga gabaasni kun qindaayyetti qabeenyaa jiraattotaa saamuu, manneen gubuu, namoota jumlaan qabuun hidhuu fi ajjeechaa raawwatan jabeessuun himame.
Bifuma kanaanis Onkoloolessa 5, 2024 aanaa Lataa Sibuu ganda Gaanqaa Giittan jedhamu keessatti waraanni faashistii PP namoota nagaa lama kan maqaan isaanii:
- Obbo Habtaamuu Malaakuu fi
- Lukkuu Guddinaa jedhaman yakka tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesuun beekame.
Obbo Habtaamuun abbaa qabeenyaa gandichaa keessaa tokko yoo ta’u, maqaa waraana Bilisummaa Oromoof gargaarsa taasista jedhuun ajjeesuun, hawaasni akka fuudhee hin awwaalleef eegaa turuun ifoomeera.
Kana malees waraanni gara jabeeyyiin Bilxiginnaa maqaa caasaa WBO bulchiinsa magaalaa fi baadiyyaa keessaa balleessina ejjennoo jedhu qabachuun bobbaafaman kunneen halkan 2:00 keessa bulchiinsa magaalaa Goorii keessatti dargaggoota maqaan isaanii:
- Abdii Biyyanaa Galataa,
- Milkeessaa Tamasgeen Tasfaa fi
- Haayilee Tufaa kan jedhaman jiraattota ganda 01 kan ta’an akka ajjeesan beekameera.
Guyyuma kaleessaa Onkoloolessa 5, 2024 ganda Loomicha Duulloo jedhamutti qabeenya Obbo Dirbabaa mana qorqoorroo lama, walii gala kan baay’inni isaa baallee 180 ol ta’u qabeenyaa keessa jiru guutuu waliin ibidda itti shiduun akka guban ifoomeera.
