• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaa keessatti hidhattoota sirnichaan hidhaa, reebichaa fi buqqaatiin namoota nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufuun barame

Oct 8, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 6, 2024 

Diddaa fi qabsoon hidhannoo Impaayera Itiyoophiyaa keessatti yeroodhaa yerootti adeemsifamaa jiru yaaddoo jabaa kan itti uume loltootaa fi ergamtoota murna nama nyaataa PP’tti heeraa fi seera baafataniyyuu faallessuun hawaasa nagaa qorannoo seeraa tokko malee ajjeesuu, saamuu, hidhuu, ukkaamsuu fi qe’eerraa buqqisuun dararaa ulfaataan dhala namaa kamirra iyyuu ga’uuf hin malle guyyaa guyyaan hidhattoota Abiy Ahimediin uummata Oromoo irratti raawwatamaa jira. 

Onkoloolessa 4, 2024 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Qabballee jedhamutti hidhattootni sirnichaa raayyaa ittisa Impaayerattii fi milishoota jechuun of yaaman maqaa sakattaa WBO jedhuun qe’ee hawaasaatti bobba’anii dhukaasa uummata nagaa irratti bananii burjaajessuun qe’eerraa ari’uu, reebuu fi hidhaa turuun ibsameera.

Namoota ganda Qabballee keessaa hidhattoota sirnichaan qabaman kan maqaan nu ga’e: 

  1. Usumaan Mahammad Muusaa, 
  2. Mahammad Aliyyii Ahimed,  
  3. Kaawulet Mahaammad Adamii fi shamarree maqaan ishee ammaaf nu hin geenye waliin qabanii reebicha cimaa ta’e irraan ga’uun  magaalaa Kamiseetti hidhuu jiraattotni dabaluun dubbatan.

Akka maddeen himanitti namoonni hidhaman kun badii qabaataniif osoo hin taane, ergamtoota maafiyaa PP kanaan sobaan yakkamuun maqaa maatii qabsaa’otaa fi WBO soortu, eeruu laattuu fi daandii agarsiiftu jedhuun reebamuun akka hidhaman dubbachuun, guyyuma namoota kanneen hidhan kanas dhukaasa qe’ee hawaasaa ganda Qabballee keessatti bananiin namoonni hedduun qe’ee fi qabeenyaa isanii dhiisuun lubbuu isaanii oolfachuuf jecha buqqa’aa jiraachuus dabaluun addeessaniiru.

Hidhattoota Abiyi Ahimed kanaan Fulbaana 25, haga Onkoloolessa 4, 2024 kanatti Aanaa Daawaa Caffaa gandoota akka Qabballee, Doodho, Issooyyee Guulaa fi Misrataa keessaa namoonni nagaan hirmaannaa siyaasaa kam keessaa hin qabne 11 ol ajjeefamuu fi hedduun hidhamuun, akkuma aanichaatti dhiittaan mirgoota namoomaa hawaasa nagaa irratti garee maafiyaa PP’n raawwatamu buqqaatii fi yaaddoo hamaa jiraattotatti uumeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading