• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaa keessatti murnoota bilxiginnaan maatii qabsaa’otaa irratti hidhaa, doorsisaa fi buqqaatiin gaggeeffamu jabaachuu maddeen godina Walloo ONM”tti himan

Oct 8, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 6, 2024 

Qabsoo hidhannoo uummanni Oromoo mirga hiree isaa ofiin murteeffachuu fi abbaa biyyummaa isaa mirkaneessuuf ABO-WBO’n goleelee Oromiyaa mara keessatti hooggansa tokkoo fi wal dhageettiin diina kokkee qabee saba Oromoo ammoo gara rarraga Bilisummaatti ceesisuuf of qusannaa tokko malee lubbuu itti wareegaa, dhiiga itti lolaasuu fi lafee itti cabsuun, sirna garboomsaa hundeen buqqisee Oromiyaa Bilisoomtee fi Walaboomte ijaaruuf gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo’n  geggeeffamaa jiruun, sirna nama nyaataa bilxiginnaa kufaatiif qarree irra marmaaraa jiru teessoo irratti raasaa kan jiruudha.

Kun ammoo sirna Bilxiginnaa koloneel Abiy Ahimediin durfamutti yaaddoo hamaa fi abdii kutannaa uumee kan jiru ta’uun beekamaadha. Kanuma bu’uura godhachuun murni Bilxiginnaa mindeeffamtoota isaa kan  koloneel Abiy Ahimed aangoo irra tursuu fi qarshii  qofa ilaaluun deeman qe’ee hawaasa Oromootti bobbaasuun maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggartoota WBO’ti jedhuun uummata nagaa ajjeesuu, saamuu, mana irratti gubuu fi hidhuu haala duraan barameen olitti jabeessanii itti fufaniiru.

Akkaatuma kanaan, Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa keessatti hidhaa, doorsisni fi buqqaatiin maatii qabsaa’otaa irratti murnoota bilxiginnaan geggeeffamu jabaatee itti fufeera. 

Fulbaana 28, 2024 ganda Misrataa fi Qabballee keessatti milishoonni sirnichaa maqaa sakattaa WBO jedhuun bobba’uun hawaasa nagaa irratti reebichaa fi hidhaa raawwataniiru.

Namoonni nagaan milishoota PP kanaan qabaman kanneen keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Jamaal Awwalee
  2. Mahammad Umar Ahimuu
  3. Qaasim Aliyyii
  4. Awwal Sayidii fi 
  5. Fooziyaa Bashiir Siraaj kanneen jedhaman ta’uu jiraattotni dabaluun dubbatan.

Akka jiraattotni ganda Misrataa irraa ONM dubbise nuuf eeranitti, namoonni kunneen qonnaan bultootaa fi abbaa maatii ta’uu himuun, milishoonni sirnichaa kunis maqaa maatii qabsaa’otaatii fi deggartoota WBO’ti jedhuun reebicha ulfaataa ta’e irraan ga’uun waajjira poolisii magaalaa Kamiseetti yoo hidhan, guyyuma sana ganda Misrataa fi Qabballee kana keessaa milishoonni PP kun maatii qabsaa’otaa lakkoofsaan hedduu ta’an qe’ee fi ooyiruu isaanii irraa ari’uun jiruu bakkeef saaxilanii muka jalatti qorraa fi aduun waadamaa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading