• Thu. Jan 8th, 2026

Kibba Lixa Shaggar Aanaa Ammayyaa keessatti waraanni goolessaan PP manneen uummata nagaa gubuu cimsee itti fufe

Oct 8, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 6, 2024 

Murni bilxiginnaa Koloneel Abiy Ahmediin durfamu barcuma aangoo siyaasaa isaa tikfachuuf jecha loltoota isaa gara jabeeyyii fi naamusa waraanummaa hin qabne, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbasuun uummata nagaa meesha maleeyyii irratti miidhaa garaa garaa raawwachuu itti fufanii jiru.

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaa keessatti gubaatiin manneen hawaasa nagaa irratti raawwatamu jabaatee jira.

Aanaa Ammayyaa ganda Munyoo Jillaa jedhamu keessatti Onkolooleessa 2, 2024 nama maqaan isaa obbo Kumsaa Tarreessaa jedhamu jalaa waraanni sirnichaa mana jireenyaa isaa guutummaan guutuutti qabeenya waliin ibiddaan gubanii barbadeessanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Obbo Kumsaan nama nagaa hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiyyuu kan hin qabnee fi gochi gara jabinaa hamaan guutame kun sababa Oromummaa isaa qofaaf irratti kan raawwatame ta’uun eeramee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading