ONM-ABO Onkolooleessa 5, 2024
Gootichi waraana bilisummaa Oromoo WBOn Cibraa Hambaa Aanoolee diina maqaa sakkattaa WBO jedhuun bobbaatee uummata nagaa hiraarsaa turte haxxee itti hidhuun dhukkee nyaachisee jira.
Tarkaanfii kaleessa Onkoloolessa 4, 2024 irree fi wonteen sabaa WBOn risaan Gaara Cilaaloo godina Arsii Bahaa aanaa Asakoo keessatti loltootaa impaayera dulloomaa Itoophiyaa tiksuuf dhamaatu haxxee itti hidhuun loltoota 7 ajjeessee 3 madeessuun lama qawwee fi hidhaannoo waliin booji’eera.
Lola kana irraa kan hafte bittinnaa’uun gara magaalaa aanichaatti ol deebi’uun barameera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
