• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti waraanni maafiyaa PP maanguddoo tokko ajjeesuun himame

Oct 11, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 7, 2024 

Afaaniin nagaa labsaa uummata nagaa ajjeesuu hojii idilee isaa kan taasifate waraanni nama nyaataan PP, golee Oromiyaa mara keessatti duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti geggeessaa jiru jabeessee itti fufeera.

Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti waraanni faashistii PP maanguddoo tokko rasaasaan rukutuun ajjeesanii jiraachuu maddeen eeran.

Onkoloolessa 4, 2024 waraanni goolessaan sirnichaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee Ganda 03 keessatti nama nagaa maqaan isaa Obbo Nabiyyuu Hayiluu jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuu maddeen keenya magaalaa Naqamtee irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen jedhanitti, namni kun hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi hawaasa naannichaa biratti jaallatamummaa guddaa kan qabu ta’uu himuun, waraanni sirnichaa mana isaa fuulduratti halkan dukkana dawoo godhachuun erga ajjeesee booda, ofuma isaatii reeffa isaa mana yaalaatti geessuun hanga mucaan isaa bosonaa galutti hin kenninu jedhanii reeffa isaa dhorkachuun, jaarsoliin biyyaa kadhaa meeqaan reeffa isaa fuudhanii awwaaluu dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading