• Sun. Mar 15th, 2026

Waraanni goolessaan Bilxiginnaa godina Wallagga Lixaa Aanaa Mana Sibuu keessatti qabeenya uummata nagaa gubuu fi saamuu cimsee itti fufe

Oct 11, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 7, 2024 

Uummatuma bulchaa jirra jedhaniif naasuu tokkollee kan hin qabne ergamtoonni gara jabeeyyiin impaayera Itiyoophiyaa, sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkuun uummata Oromoo qabeenya isaa gubuu fi saamuun dinagdee isaa quucarsaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti waraanni sirnichaa gubaatii manneenii fi saamicha raawwachaa jiraachuun ibsame.

Onkoloolessa 4, 2024 aanaa Mana Sibuu Bulchiinsa Magaalaa Waankii keessatti waraanni faashistii PP namoota maqaan isaanii Obbo Gaaddisaa Haayiluu fi Aadde Hawwii Tuujubaa jedhaman jalaa mana daldalaa dukkaana isaanii cabsanii seenuun qabeenya keessa jiru tokko osoo hin hambisin guutummaan guutuutti saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading