ONM-ABO Onkoloolessa 8, 2024
Waraanni Israa’el magaalaa guddoo Libaanos naannoo kibbaatti Hizbullaah irratti haleellaa cimaa raawwachaa waan jiruuf, Israa’el buufata xiyyaaraa Beerut ykn daandii gara isaatti geessu akka hin haleelle Wiixata kaleessaa akeekkachiifteetti.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Maatiyoo Miilar, ”Buufatni xiyyaaraa qofa banaa ta’uu osoo hin taane, daandii gara buufata xiyyaaraatti geessu banaa gochuun baay’ee barbaachisaa ta’a jennee yaadna jedhe. Kunis akka lammiileen Ameerikaa bahuu barbaadan ba’uu danda’an, akkasumas lammiileen biyyoota biroos ba’uu danda’u,” jedhe.
Humni qilleensaa Israa’el Wiixata kaleessaa naannoo kibba Beerut naannoo buufata xiyyaaraa idil-addunyaatti haleellaa raawwachuu isaa maddi nageenyaa AFP’tti himeera.
Torban darbeef Ameerikaan waldhabdeen Israa’elii fi garee Libaanos Iraaniin deggaramuu Hizboollaa gidduutti uumame hammaataa dhufuun lammiilee ishee fi maatii isaanii biyyattii keessaa baasuuf balalii guyyaa guyyaatti jechuun ni danda’ama kireeffachaa turte.
Hanga ammaatti namoonni 900 ta’an balalii kana fudhataniiru kan jedhan Miller, haa ta’u malee isaan keessaa tokkollee guutummaatti akka hin buufamne dubbataniiru.
Ameerikaan haleellaa Israa’el Hizbullaah irratti raawwattu ni deeggarti jedhan Miller jechuun yeroo haleellaan Hamas Israa’el irratti raawwatee fi deebii isaa Israa’el lola wal irraa hin cinne Gaazaa keessatti Hamaas irratti raawwachuu eegalte waggaa tokko lakkoofsisetti kana dubbachuu isaanii Gulf News gabaaseera.


