ONM-ABO Onkoloolessa 8, 2024
Uummata Oromoo dararuuf qofa kan bobbaafaman ergamtoonni PP bakka deeman hundatti siyaasa hiika hin qabnee fi boodatti hafaa fayyadamuun, Waraana Bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoo wal fakkeessuun hawaasa nagaa sababa sobaa maqaa ‘hidhata WBO qabdu’ jedhu itti maxxansuun hidhuu, saamuu fi ajjeesuu itti fufanii jiru.
Bu’uruma kanaan godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raareetti hawaasa nagaa hidhuun jabaatee jiraachuu maddeen eeran.
Ganda Jaarraa Sumboo jedhamu irraa Onkoloolessa 3, 2024 waraanni sirnichaa namoota maqaan isaanii:
- Obbo Gaaromsaa Fayyeeraa fi
- Shamarree Caaltuu Roobaa kan jedhaman badii tokko malee qe’ee isaaniitii qabuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoonni kunneen namoota nagaa deggertoota paartii siyaasa kamiiyyuu kan hin taane yoo ta’an, maqaa WBO’f nyaata kennitan jedhuun hidhamanii jiraachuun ibsameera.
