• Fri. Jan 9th, 2026

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Ammayyaatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed nama tokko ajjeesuun tokko irraa immoo harka kutuun himame

Oct 12, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 9, 2024 

Dhiiga namoota qulqulluu dhangalaasee umurii aangoo isaa waan dheereffatu kan itti fakkaatu murni nama nyaataan Bilxiginnaa, golee Oromiyaa mara keessatti sababa garaagaraa itti maxxansuun uummata nagaa ajjeesuu, hidhuu, saamuu, madeessuu fi dararuu cimsee itti fufeera.

Haaluma kanaan godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Ammayyaatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed kun jiraataa tokko ajjeesuun tokko immoo madeessuun beekamee jira.

Onkoloolessa 6, 2024 aanaa Ammayyaa ganda Ciroo Laalaa jedhamu irraa loltoonni naamusa waraanummaa hin qabne mana isaatti ol seenuun nama maqaan isaa Mubaarik Shallamaa jedhamu rasaasaan harka irra rukutuun madoo ulfaataa irraan gahanii jiraachuu maddeen himan.

Kana malees, ganduma kana irraa gaafuma kana loltoonni harki isaanii dhiiga bare kun badii tokko malee nama maqaan isaa obbo Hasan Hirphashuu jedhamuun “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” maqaa jedhu itti maxxansuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.

Namoonni kunneen namoota qaama siyaasaa tokkollee hin hordofnee fi hojii dhuunfaa isaanii qofa irratti bobba’anii kan jiraatan ta’uun itti dabaluun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading