• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti waraanni faashistii PP hidhaa fi saamicha raawwatan

Oct 12, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 8, 2024 

Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Tarkaanfataa Gibee bakka addaa Oosoo Gibee jedhamutti  Onkoloolessa 6, 2024 waraanni Bilxiginnaa uummata nagaa qabeenya isaanii saamuudhaan isaan kaan ammoo qabanii mana hidhatti darbuun himame.

Namoonni qabeenyi isaanii saamame maqaan isaanii: 

  1. Obbo Laggasaa Geendaa, 
  2. Obbo Biraanuu Kuruu fi 
  3. Obbo Bukuruu Lataa dukkaana isaanii qabeenyaa keessa jiru guutuu kan saaman yoo ta’u, mana qorichaa kan nama dhuunfaa qoricha isaa hunda waliin saamuu fi dargaggoo Daawwit Habuluu jedhamu immoo duraan qabanii hidhanii kan turan guyyuma dheengadda dukkaana isaa seenuun qodaa dhugaatii mana isaa keessaas guuranii caccabsuu fi qabeenya biroo saamanii deemuu jiraattonni ONM’tti himaniiru. 

Kana malees guyyuma kana Onkoloolessa 6, 2024 namoota maqaan isaanii Obbo Camadaa Bantii, Obbo Wadaajoo Taaddasaa, Obbo Tarrafaa Taaddasaa, Obbo Zarihuun Abbabaa fi namoota kan biroo yakka tokko malee maqaa hariiroo waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun qabanii waajjira poolisii aanaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuun ifoomeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading