• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Lixa wallaggaa aanaa Qilxu Kaarraa keessatti waraanni garboonfattuun Itoophiyaa qabeenya uummata nagaa saamuu akkuma itti fufanitti jiru

Oct 12, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 9, 2024 

Murni maqaaf ani impaayerattiin geggeessaa jira jedhu Bilxiginnaan bulchiinsa afaan qawwee diriirsuun uummata nagaa dhorkatee olii fi gadi goolaa ooluu jabeessuun  maqaa adda addaan uummata nagaa xureessuu fi badii isaan hin qabneen yakkee hiraarsaa jira. Dhugaan jirtu garuu Oromummaan yakka ta’uu malee kan balleesseef balleessaa qabaniif akka hin taane ni beekama.

Haaluma kanaan waraanni goolessaan impaayera Itiyoophiyaa guyyuu ilmaan Oromoo gidirsuun kan amala itti ta’e Bilxiginnaan Onkololessa 8, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Guyyoo Lalisaa jedhamutti mana nama obbo Maatii Ejjetaa jedhamutti ol itti seenuun qabeenya mana keessaa saamanii kan hafe caccabsanii yoo deeman, re’oota sadii offatanii deemuus maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Yeroo ammaa Oromiyaa keessatti waraana Bilxiginnaatiin gochi hammeenyaa uummata nagaa irratti taasifamu jabaachuun bakkewwan adda addaatti saamicha qabeenyaa hawaasaa irratti raawwataniin cinaatti jumlaan lubbuu dhabamsiisaa kan oolan yoo ta’u, aanuma Qilxuu-Kaarraa keessatti torban kan qofa namoonni hedduun ajjeefamuu fi manni gubachuu gabaasuun keenyas ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading