• Sat. Mar 14th, 2026

Gubaatiin manneenii fi saamichi loltoota impaayera Itiyoophiyaan raawwatamu godina Baha Wallaggaa Aanaa Jimmaa Arjootti cimee itti fufe

Oct 12, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 7, 2024

Barcuma siyaasaa koloneel Abiy Ahimed tiksuuf golee Oromiyaa mara keessatti bobba’uun maqaa sakatta’a Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun, hawaasa nagaa goolaa kan oolan loltoonni bilxiginnaa tibba kana akka guutuu Oromiyaatti kan dur baratameen olitti jiraattota irratti hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi gubaatii manneenii hammeessanii jiru.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjootti loltoonni sirnichaa gubaatii manneenii fi saamicha jaabeessanii jiraachuu maddeen eeran.

Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Jamoo Giroos jedhamutti  Onkoloolessa 4, 2024 ergamtoonni sirnichaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jechuun nama maqaan isaa Barsiisaa Rattaa Hambisaa jedhamu jalaa badii tokko malee mana jireenyaa isaa qabeenya guutuu waliin ibidda itti shiduun barbadeessanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Oduu saamichaatiin ammoo, aanuma kana ganda Saqqaa jedhamu keessatti Onkoloolessa 1, 2024 badii tokko malee qabeenyaa namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Kidaanuu Dheeressaa jalaa loon sadii
  2. Fiqaaduu Hordofaa jalaa loon lamaa fi
  3. Shifarraa Bashaa jalaa loon lama ooffatanii deemuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Kana malees, loltoonni PP kun ganda Meettaa jedhamu keessatti qabeenya hawaasaa kanneen akka boqqolloo asheeta, lukkuu fi kanneen biroo dhuunfatanii jireenya ofiif oolfachuun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading