• Wed. Jan 14th, 2026

Somaaliyaan Itoophiyaarraa meeshaan waraanaa biyya isheetti ergamaa jira jedhame irratti yaaddoo kaafte

Oct 12, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 7, 2024

Somaaliyaan Dilbata kaleessaa meeshaan waraanaa seeraan alaa gara biyya gaanfa Afrikaatti ergamuun biyya ollaa ishee Itiyoophiyaan raawwate jedhame irratti yaaddoo uumteetti.

Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahimad Moallim Fiqi ibsa gaazexeessitootaaf Moqaadishootti haasawa taasisaniin, ergiin meeshaa waraanaa jedhame nageenya Somaaliyaatiif balaadha jedhaniiru.

Ityoophiyaan waliigalteewwan akka kabajju kan dhaaman yoo ta’u, Turkiin biyyoota ollaa lamaan gidduutti tattaaffii jidduu seenummaa taasisaa jirtuufis galateeffataniiru.

Ibsi Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa kanaan dura baase akka ibsetti, Itiyoophiyaan kaaba baha Somaaliyaa naannoo walakkaa ofiin of bulchituu kan taate naannoo Puuntlanditti meeshaa waraanaa hayyama malee ergite.

Konkolaattonni fe’umsaa lama Itiyoophiyaa irraa gara Puuntlaandiitti meeshaa geejjibsiisan, hirmaannaa dippilomaasii ykn qulqulleessituu tokko malee kan raawwataman ta’uu ragaaleen barreeffamaan galmaa’an mirkaneessu ibseera.

Tarkaanfiin mirga abbaa biyyummaa Somaaliyaa sarbama guddaa akka ta’ee fi nageenya biyyaa fi naannoo irratti dhiibbaa guddaa kan fidu ta’uu ibseera.

Waliigaltee qaqqabummaa galaanaa Itiyoophiyaan naannoo Somaalilaandii addaan baate waliin qabdu ilaalchisee waldhibdeen biyyoota lamaan gidduu jiru olaanaa ta’ee jira.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii marii Turkiin ji’a Adoolessa fi Hagayyaa keessa qopheesse dabalatee, waldhabdee kana furuuf tattaaffii Turkiin goote jajateera jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading