ONM-ABO Onkoloolessa 9, 2024
Gareen dantaa dhuunfaa isaanii qofa guuttachuuf carraaqan gara jabeeyyiin bilxiginnaa bara gara aangootti dhufanii kaasanii hojiilee fakkeessii fi uummata Oromoo miidhan, abdii kutachiisanii fi ni balleessa jedhanii yaadan cufa kanneen akka ajjeechaa, hidhaa, saamicha, buqqaatii fi gubaatii manneenii uummata Oromoo irratti raawwachuun jireenya itti hadheessanii jiruu baqaaf akka saaxilaman gochuu itti fufanii jiru
Onkoloolessa 2, 2024 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Qabballee keessatti milishoonni fi waraanni sirnichaa maqaa sakattaa WBO’n gandichatti bobbaafaman dargaggoo maqaan isaa Huseen jedhamu sobaan yakkanii qunnamtii WBO qabda ittiin jechuun badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu dabaluun ibsaniiru.
Akka namoota gandichaa irraa ONM qulqulleeffatetti, dargaggoon Huseen qonnaan bulaa fi nama siyaasa kam keessaa qooda hin qabne ta’uu himuun, haa ta’u malee gareen ajjeesaan bilxiginnaa kun maqaa qunnamtii WBO qabdaa fi daandii agarsiifta jedhuun ajjeesanii kan gatanii fi guyyuma dargaggoo kana ajjeesan Onkoloolessa 2, 2024 ganda Qabballee fi Doodhoo keessaa manneen namoota nagaa lama kan maqaan isaanii Awwal Sayidii fi Umaree jedhamutti ibidda shiduun mi’a mana keessaa tokko osoo hin baafatin jalaa gubanii barbadeessuu dabaluun dubbatan.
Maatiin namoota manneen isaanii shiftoota Koloneel Abiy Ahimediin jalaa gubatee kunneen yeroo ammaa waan nyaatanii bulan dhabuu fi jiruu bakkeef saaxilamuun muka jalatti qorraa fi aduun dhaanamaa rakkoo hamtuu argaa kan jiran yoo ta’u, akkuma aanaa Daawaa Caffaatti loltoota murna bilxiginnaan jiraattotni hedduun gandoota akka Qabballee, Misrataa, Issooyyee Guulaa fi Doodhoo keessatti ajjeefamaa, hidhamaa, saamamaa, manneen irratti gubachaa fi qe’ee irraa buqqifamuun dararaa argaa jiraachuu jiraattotni gandichaa dabaluun ONM’tti himaniiru.


