• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhuuggootti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhuu fi saamuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsame

Oct 14, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 11, 2024


Ergamtoonni bilxiginnaa yeroo adda addaatti sobaan yakkuun ilmaan Oromoo golee Oromiyaa cufa keessa jiran dararaa, saamicha, ajjeechaa, hidhaa fi reebicha haala duraan barameen olitti hammeessanii jiru.

Haaluma kanaan godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggootti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhuu fi saamuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.

Araddaa “Haqaan Jiraataa” jedhamu keessatti torban kana keessa ergamtoonni Bilxiginnaa kaffaltii maallaqaa kanaan dura walitti qabamee ture malee hawaasa waan tokko of harkaa hin qabnetti garagaluun yeroo ammaa kanas qarshii dhibba shan-shan irra deebiin dirqamaan guuraa jiraachuu fi lukkeeleen isaanii immoo “nuti hawaasa lammata hin rakkifnu” yeroo jedhanitti isaanii fii hawaasas walitti qabuun ukkaamsanii hidhaatti guuraa kan jiran ta’uu maddeen himanii jiru.

Kana malees jaleewwan Bilxiginnaa kun badii tokko malee Onkoloolessa 7, 2024 “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromoo waan taataniif waltajjii hawaasaa hirmaachuu diddan” maqaa jedhu itti maxxansuun namoota maqaan isaanii:
Yusuuf Abdullaa,
Mahaammad Muusaa,
Ziyaad Mahaammadii fi kanneen maqaan isaanii ammaaf adda hin ba’in hedduun akka jiran jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading