ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2024
Afaan qawweetiin uummata meesha maleeyyii cafaqee bulchuu kan barbaadu murni nama nyaataan PP umurii aangoo isaa dheereffachuu fi impaayera bututtuu Itiyoophiyaa suphuuf jecha, golee Oromiyaa mara keessaa dargaggoota jumlaan ukkaamsuun dirqamaan gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Haaluma kanaan bifa haaraa ta’een godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaanitti loltoonni faashistii PP hawaasa dirqamaan gara mooraa waraanaatti guuraa jiraachuun beekameera.
Onkoloolessa 8, 2024 waraanni sirnichaa, aanaa Hawwaa Galaan ganda Mojoo fi Qoree jedhaman irraa loltoonni sirnichaa dirqamaan “biyya keessaniif loltu” maqaa jedhuun fedhii isaanii malee namoota baay’inaan 300 ol ta’an qe’eef qabeenyaa akkasumas maatii isaanii fi bakka hojii isaanii irraa qabuun gara mooraa leenjii waraanaatti geessuu maddeen himan.
Akka maddeen himanitti, namoonni qabaman kunneen fedhii isaanii malee bakka hojii isaanii irraa waraana sirnichaan humnaan ukkaamfamuun gara leenjii waraanaatti kan guuraman ta’uu dubbataniiru.


