• Thu. Jan 15th, 2026

UN tarkaanfiin gama tokkoon Liibiyaa keessatti fudhatamu abbaa biyyummaa balaadhaaf saaxiluu fi rakkoo dabalataa akka fidu akeekkachiise

Oct 14, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2024 

Mootummoota Gamtooman tarkaanfiin gama tokkoon gareewwan adda addaa Liibiyaa keessatti fudhatan abbaa biyyummaa biyya sanaa kan miidhee fi rakkoo dabalataa keessa akka galchu roobii kaleessaa akeekkachiiseera. 

Itti gaafatamtuun Ergama Deggarsa Mootummoota Gamtoomanii Liibiyaa fi itti aanaan bakka bu’aa addaa barreessaa muummichaa Istefaniye Kurii walgahii Mana Maree Nageenyaa haala Liibiyaa irratti fakkeenyota hedduu kaasaniiru.

Manni Maree Pirezidaantii Hagayya 18 bulchaa baankii giddugaleessaa fi boordii daayirektarootaa mudamuu isaa kan hubatte yoo ta’u, boodarra Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Mana Maree Ol’aanaa Mootummaatiin kuffisaniiru.

“Tarkaanfiin gama tokkoon fudhatamu yoo itti fufe, abbaa biyyummaa Liibiyaa kan miidhu, biyyattii muddama dabalataa keessa galchuu qofa otoo hin taane, hojii harka jiru irraas yaada namaa kan jeequ ta’a jechuun ; furmaata siyaasaa hunda galeessa ta’eef karaa saaqa,” jedhan Kuriin

Dhimmoota akka qoqqoodinsa dhaabbilee mootummaa, barbaachisummaa mootummaa tokkummaa fi seera qabeessummaa dimokiraasii karaa filannootti deebisuu ilaaluuf furmaanni barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

“Lammiileen Liibiyaa dhimmoota bu’uuraa yeroo dheeraa, kanneen hanga har’aatti furmaata hin arganne, furuuf adeemsa siyaasaa qabaachuus akka barbaadan ifa godhaniiru,” jedhan Kuriin.

“Taateewwan dhiheenya kana mudatan adeemsa siyaasaa oomishaa ta’e tarkaanfachiisuuf tarkaanfiiwwan amantaa uumuu kanneen akka tarkaanfiiwwan gama tokkoon fudhataman xumuruu, ykn waadaa galaniif wabii mirkaneessuu yeroo kamiyyuu caalaa murteessaa ta’uu agarsiisaniiru,” jedhan.

Mootummoota Gamtoomaniitti ambaasaaddarri Liibiyaa Taher El Sonni, yaaliin saboonni fi namoonni dhuunfaa biyyattii keessatti qoqqoodinsa dhaabbilee gadi fageessuuf godhan xumura gochuuf Mana Maree Nageenyaa irraa tarkaanfii akka fudhatan gaafataniiru jechuun BBC’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading