ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2024
Manneen barnootaa sadarkaa jalqabaa kaasee hanga dhaabbilee ol aanoo jiran hojiin isaanii idilee baruu fi barsiisuun yeroo adda addaatti bara Bilxiginnaa keessa gufatee Dirree siyaasaa fi qubsuma waraanaa ta’uun tajaajiluu itti fufuun isaa jireenya hawaasummaa miidhuu, qabxii barattootaa xiqqeessuu fi sirna dhablamummaa dagaagsee jira.
Bilxiginnaan manneen barnootaa Oromiyaa bakkoota leenjii siyaasaa kaadiroota shiraa fi daba ittiin uummata Oromoo ajjeestu, saamtu, mana gubduu fi darartee itti leenjiftu godhachuun haamilee barattoonni barnootaaf qaban jaamsuun shira isaa babal’isaa jira.
Haaluma kanaan Bilxiginnaan safuu fi qaanii hin qabne akkasumas seera dhaabbilee tajaajila hawaasaa hin eegne Yuunvarsitii Wallaggaa keessatti maqaa leenjii kaabinootaa jedhuun seera malee naamusa dhaabbatichaa cabsuun Kaabinee fi Waraanni mooraa guutanii argamuun beekamee jira .
Akka odeessi Yuunvarsitii Wallaggaa irraa arganne addeessutti kaadirootni kunneen mooraa kana keessatti leenjii torban lamaaf fudhachuuf Wiixata darbe akka achi galanii jiran baramee jira .
Mooraan Yuunvarsitii Wallaggaa kun akkuma manneen barnootaa sadarkaa jalqabaa fi kaanii humna waraanaa bilxiginnaan humnaan guutuu irraan kan ka’e barattoonni yaaddoo nageenya isaaniif qabaachuu fi qorqabii miidhamuu dubbatu.
Ittuma dabaluunis barattoonnis ta’e barsiisonni fi hojjettoonni Yuunvarsiitichaa dhihaa fi barii warreen farreen uummataa ta’an kanaan doorsifamaa jiraachuu maddeen keenya gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Leenjiin kaabinoota Bilxiginnaa mooraa barnootaa keessatti kennamaa jiru kun yeroo itti kufaatii jabaan gama barnootaa Oromiyaa keessatti mudachuun manneen barnoota 553 barattoota tokko iyyuu yeroo hin dabarsinee fi akka guutuu impaayerattiitti dhibbentaan 5.4% qofti yeroo darbanitti ta’uun Bilxiginnaan har’as ejjennoo warri ampuulii, xiyyaaraa fi kkf hojjetan digirii, maasters, Dooktara miti jedhu sanaan jibbiinsa barnoota irraa qabu agarsiisaa jira kan jedhan hedduu dha.



