• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab-Hasaasaa keessatti namoonni sadii loltoota PP’n ajjeefaman

Oct 15, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 11, 2024 

Murni abbaa irree waan qabuuf gadi dhiisu wallaalee jiru bilxiginnaan, yeroo ammaa akkuma guutuu Oromiyaatti namoota nagaa maqaa hariiroo WBO qabdan jedhuun duula waraanaa itti bobbaasuun duguuggaan sanyii raawwatamaa jira.

Ajjeechaan namoota nagaa irratti raawwatamu kan yeroo kamuu caalaa jabaachaa deemuun, Onkoloolessa 8, 2024 godina Arsii Lixaa aanaa Gadab-Hasaasaa ganda Hulluuqqoo jedhamu keessatti namoota nagaa sadii irratti ajjeechaa suukkanneessaan waraana Bilxiginnaan raawwatamuun beekameera.

Namoonni haala suukkanneessaan ajjeefaman kunneenis maqaan isaanii Jamaal Burqaa, Ashiim Galatoo fi Kinniisoo Jibaa kanneen jedhaman ta’uu jiraattotni gandichaa ajjeefamuu namoota kanneenii ijaan argan ONM’tti himaniiru. 

Namoota kanneenis Onkoloolessa 8, 2024 erga qabanii booda halkan tokkicha mana hidhaa keessa bulchuun Onkoloolessa 9, 2024 mana hidhichaa irraa baasuun bakka tokkotti rasaasa itti roobsuun akka ajjeesanis dabaluun ibsaniiru. 

Akkasumas aanaadhuma  Gadab-Hasaasaa magaalaa aanichaa keessatti dhukaasa callisanii hawaasa nagaa irratti bananiin Aadde Gishuu Mul’ataa fi namoota lama ammaaf maqaan nu hin ga’in lama madeessanii hospitaalatti yaalamaa akka jiran dabaluun addeessaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading