• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaa keessaa ilmaan Oromoo 3 waraana faashistii PP’n achi buutee dhabamsiifaman

Oct 15, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 11, 2024 

Murni Impaayerattiin geggeessaa jira ofiin jedhu Bilxiginnaan, sabaa fi sablammoota Impaayerattii keessa jiran keessaa addatti ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun gam-tokkoon sumsuma Impaayera Itiyoophiyaa akka tiksaniif dirqii fi sossobbiin qabee yeroo barnoota barachuu fi maatii isaanii fayyaduu qabanitti dirree waraanaatti guuraa kan jiru yoo ta’u, kallattii biraan ammoo dargaggoota Oromoo akka bineensa bosonaatti adamsuun ajjeesuu fi qabanii achi buutee dhabamsiisaa jiru.

Bu’uuruma kanaan, Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa keessaa ilmaan Oromoo 3 waraana faashistii PP’n achi buutee dhabamsiifamuun ibsameera. 

Onkoloolessa 3, 2024 aanaa Daawaa Caffaa ganda Guulaa keessaa namoonni waraana goolessaa PP’n achi buutee dhabamsiifaman kunneenis maqaan isaanii Indirroo Hasanuu, Abduu Sayid Ibraahimii fi Ahimed Hasan kanneen jedhaman qabanii magaalaa Kamisee geessuun, boodarra ammoo halkan keessaa konkolaataa keessaa buusuun qabanii deemanii bakki isaan geessan hin baramin jiraachuu jiraattotni magaalaa Kamisee Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattotni ganda Guulaa ONM’f eeranitti, namoonni waraana faashistii PP’n achi buutee dhabamsiifaman kun namoota nagaa hojii isaanii  qofa irratti xiyyeeffachuun ofii fi maatii isaanii jiraachifatan malee siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne ta’uu isaanii ibsuun, warreen jiraachuu ilmaan Oromoo hin barbaanne Itiyoophiyummaa ijaaruuf ifaajan namoota kanneen Oromummaa isaanii qofaan yakkuun achi buutee dhabamsiisuu fi maatiin namoota kanneenii du’aa fi jireenya isaanii wallaaluun halkanii fi guyyaa imimmaan lolaasaa jiraachuu dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading