• Fri. May 15th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee keessatti diina adabe

Oct 15, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 9, 2024

Abdii fi wanteen sabaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti bakkoota cufatti fudhachaa jiruun loltoota murna bilxiginnaa akka baala mukaatti harcaasaa jira.

Bifuma kanaanis har’a Onkoloolessa 9 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee iddoo addaa Hagamsaa jedhamuun beekamutti ganama sa’atii 2:00 eegalee tarkaanfii WBO’n ergamtoota maafiyaa Abiy Ahimed irratti fudhateen humna diinaa 2 ajjeesuun 4 madeessee kan hafte baaraguun of booda deebitee humna dabalataa magaalaa Baatee irraa yaammachaa turuun barameera.

Tarkaanfiin gootichi hiree sabaa tolchuuf waraana gabroomfataa PP irratti fudhatu ittuma fufuun guyyama har’aa Onkoloolessa 9 aanuma Baatee iddoo Leemman jedhamutti waaree booda sa’atii 10:00 kaasee tarkaanfii humna weerartuu PP irratti fudhateen loltoota PP 4 battalatti ajjeesee 9 madoo dandammii hin qabneen geggeesseera.

Tarkaanfii WBO’n fudhatu jabaatee itti fufa ❗️

Impaayerri bututaan ni kufa❗️

Injifannoon Uummata Oromoof ‼️!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading