ONM-ABO Onkololeessa 11, 2024
Irree fi gaachanni sabaa Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa waraana faashistii PP maqaa sakkattaa WBO jedhuun bobbatee uummata nagaa hiraarsaa turte guyyaa dheengaddaa Onkololeessa 9, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Heexosaa ganda Guurii jedhamtu keessatti tarkaanfii laalessaa irratti rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun fudhateen injifannoo cululuqaa galmeessee jira.
Tarkaanfii boonsaa kanaanis loltoota 48 ajjeesee 39 madoon adabuun gara magaalaa keessaa bobbaatetti reeffaa fi madoo ishee gurattee deebitee jirti.
Lolaa WBOn aanaalee godina jalatti lolaa jiru kanaan magaalaa nu harkaa dhuunfachaa jira jechuun Bilxiginnaan godina Arsii Bahaa raafama hama keessaa galtee jiraachuu odeessi keessoo isaanii irraa nu qaqqabe ni addeessa.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗


