• Mon. Jan 12th, 2026

WBOn godina Arsii Bahaa aanaa Muneessa magaalaa Qarsaa fi Qancaree keessaatti diina du’aa fi madoon adabuu beeksise

Oct 15, 2024

ONM-ABO Onkololeessa 9, 2024

Korommiiwwan Waraanni Bilisummaa Oromoo kibbaa bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa diina maqaa Oromummaa hadheeffatee uummata nagaa yeroo dheertuuf hiraarsaa ture magaalota lama keessatti mooraatti itti cabsuun tiksitoota sirna namtokkee jabeessuuf bobbaate baruuda itti bobeessuun halkan guyyaa itti fakkeessee injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Tarkaanfii kaleessa Onkolooleessa 8/2024 godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa magaalaa aanichaa Qarsaa keessatti mooraa isheetti irree fi gaachanni sabaa WBOn itti cabsuun tiksitoota Bilxiginnaa rasaasaan akaayee baarudaan macheesseen loltoota 12 irraa ajjeesuun 18 madoo yoo adabu tan gadi hafte ammoo mooraa keessaa baqachisee ala facaatee akka bultu taasisee jira.

Haaluma wal fakkaatuun aanaa Muneessaa magaalaa Qancarree keessattis gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa waraana Bilxiginnaa mooraa ishee keessatti itti cabsuun baaruda ulachiisee 8 yoo irraa ajjeesu 10 madoo taasisee jira.

Lolaa WBOn magaaloota lamaan kana wal faana lolee irratti kaabinoonni aanichaa sodaa guddaa keessa galuun waraanni waardiyaa mana isaanitti akka ramadamaniif gaafacha jiraachuus maddeen ibsaanii jiru.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading