• Fri. Mar 13th, 2026

WBOn godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaa keessatti diina du’aa fi madoon adabe

Oct 15, 2024

ONM-ABO Onkolooleessa 11, 2024

Irree fi wonteen sabaa WBOn waraana faashistii PP maqaa garagaraa uummata nagaatti moggaasuun hawaasa hiraarsaa turte irratti tarkaanfii boonsaa fudhatee jira.

Haaluma kanan guyyaa har’a Onkolooleessa 11, 2024 gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaa ganda Gujichaa iddoo adda Kuroo jedhamu keessatti diina uummata nagaa hiraarsuuf olii fi gadi joortu WBOn Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa itti birmaachuun tiksitoota impaayerattii rasaasaan haleeluun loltoota PP 4 irraa ajjeesuun 6 madoo taasisee uummaticha keessaa baasee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading