ONM-ABO Onkoloolessa 13, 2024
Qe’ee uummata Ulfoo Qe’ee gadadoo fi rakkinaa akkasumas dachee hiraarsaa kan taasifatan mootummoonni abbaa irree dhufaa darbaan, addatti ammoo bifa qindaa’aa ta’een waggoota jahaa asitti maqaa Oromoo dhahachaa taateen uummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru kan gurraan dhaga’uu fi ijaan arguuf nama saalfachiisu ta’ee jira.
Godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Fincoo jedhamu keessatti Onkoloolessa 11, 2024 namootni maqaan isaanii:
- Suffii Rubee,
- Awwal Abdulijabbaar,
- Gannaa Kadir,
- Huseen Abdul Basxii,
- Usmaan Huseen fi
- Qashtii Qamaruu jedhaman gochaa isaanii malee kanneen mana hiraarsaa sirnichaa keessatti gidirfamaa jiraaniidha.
Akkasumas gandicha keessatti namoota nagaa ilaalcha siyaasaa hin qabne irratti reebichi hamaan raawwatamuu fi kanneen miidhaa jabaan irra gahe illee jiraachuu jiraattotni ibsaniiru.


