ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2024
Yeroo itti addunyaan qaroomte keessatti uummanni Oromoo impaayera Itiyoophiyaa keessatti garee abbaa irree aangoo jaal’ataniin karaalee akka misoomaa, siyaasaa, dinagdee fi barnootaan duubatti dhiibamaa jiru.
Keessattuu waggoota ja’aa asitti qe’een uummata Oromoo nagaa kan dhabee fi gareen abbaa irree loltoota hedduumminaan leenjisee hawaasa keessa bobbaasuun saamicha, hidhaa jumlaa, gubaatii manneen barnootaa, manneen amantii, mana jireenyaa fi lubbuu namaa salphumatti obbaasuun kan baratameedha.
Akkasumas manneen barnootaa mooraa WBO’ti jechuun karaa tokkoon yoo guban, karaa biraan ammoo mooraa ofii isaanii godhachuun sirni baruuf barsiisuu akka hin adeemsifamne dhorkanii baadiyyaa Oromiyaa keessatti daa’imman akka hin baranne taasisaa jiru.
Haaluma kanaan godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaa gandoota akka Heeban-Laqichaa, Gujichaa, Kallachaa, Gobaa Koraa, Haroo, Kootee Shokotee fi Booqaa kanneen jedhaman keessatti manneen barnootaa sadarkaa 1’ffaa akkuma walii galaatti sirni baruu fi barsiisuu danqamee mooraa waraanaa taasifachuun beekamee jira.
Ittuma fufuun godina Arsii Lixaa aanaa Heeban Arsii keessattis bifuma wal fakkaatuun manneen barnootaa gara mooraa waraana PP’tti jijjiiramee jira jedhu.
Ganda Quucarsaa Goobee keessaas manni barumsaa cufamuun ijoolleen akka hin baratamne taasifamanii jiraachuun beekamee jira.
Haalli kun ammoo dhaloota duubatti kan deebisuu fi egeree uummata Oromoos ta’e biyyaaf yaaddoo guddaa akka ta’es dabaluun ibsaniiru.



