• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaatti waraanni faashistii Abiy Ahimed jiraattota dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun beekame

Oct 17, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 13, 2024 

Afaan qawweetiin uummata meesha-maleeyyii cafaqee humnaan bulchuu kan barbaadu murni nama nyaataa PP umrii aangoo isaa dheereffachuu fi impaayera bututtuu suphuuf jecha, golee Oromiyaa mara keessaa ilmaan Oromoo ukkaamsuun dirqamaan gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa jira.

Haaluma kanaan waraanni sirnichaa godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaatti jiraattota dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun beekamee jira.

Torban kana keessa ergamtoonni bilxiginnaa aanaa Diggaa gandoota adda addaa keessaa dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne namuma argan hunda ukkaamsuun ganda tokko keessaa yoo xiqqaate hanga nama 100 qabuun gara aanaa geessanii leenjii milishummaa humnaan leenjisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka maddeen himanitti namoonni kunneen irra caalaan qonnaan bultoota ta’uu himuun, isaanis siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabnee fi impaayerattii suphuuf fedhii kan hin qabne ta’anis humnaan dirqamanii gara waraanaatti guuramuu ONM’tti himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading