• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Jimmaa Arjoo keessatti hawaasa nagaa hidhaatti guuruun jabaatee itti fufe

Oct 17, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 13, 2024 

Murni bilxiginnaa umurii barcuma siyaasa isaa dheereffachuuf jecha loltoota isaa naamusni waraanummaa irraa hin calaqqisne kumaatamaan bobbaasuun uummata nagaa ba’uu fi galuu dhorkachaa kan jiran yoo ta’u, golee Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhu sababa sobaa itti maxxansuun hidhuu, ajjeesuu fi saamuu jabeessanii itti fufanii jiru. 

Onkoloolessa 10, 2024 waraanni ergamtuun sirnichaa godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Meettaa jedhamutti dargaggoota Oromoo lama kanneen maqaan isaanii:

  1. Boonsaa Tasfaayee fi 
  2. Gadaa Addunyaa jedhaman badii tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun mana hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Dargaggoonni kunneen hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi hojii dhuunfaa isaanii hojjechuun kan of jireessan ta’uun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading