• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Harargee Bahaa Aanaa Baddannootti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa irratti saamicha raawwachuu cimsanii itti fufan

Oct 17, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 13, 2024 

Ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa Oromoo dararuu qofa hojii idilee isaanii godhachuun addatti immoo qonnaan bultoota Oromoo dararuuf bobbaafamanii duula duguuggaa sanyii labsuun olaantummaa abbaa irrummaa isaanii hawaasa nagaa irratti mul’isaa jiru.

Haaluma kanaan, godina Harargee Bahaa aanaa Baddannootti ergamtoonni bilxiginnaa jiraattota irratti saamicha raawwachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.

Araddaa Gooroo Wadoo jedhamu keessatti ergamtoonni bilxiginnaa akkuma duraan gochoota suukkaneessoo ta’an uummata irratti raawwachaa jiranitti yeroo ammaa kana maqaa “deggersa paartii” jedhuun nama tokko irraa qarshii dhibba lama lama dirqamaan guuraa jiraachuu fi jiraattota waan fidanii kaffalan hin qabne immoo reebicha suukkaneessaa ta’e irratti raawwachuun mana hidhaatti darbachuun akka barbaadanitti oliif gadi hawaasa oofanii akka ilmoo bineensaatti gochoota hamoo ta’an raawwachaa jiraachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Aanicha keessaa ergamtoonni bilxiginnaa ajaja qaama isaanii olii irraa itti kennamu milkeessuuf jecha maqaa adda addaa itti dhahuun uummatatti afaan qawwee aggaamanii yeroo yerootti qarshii saamaa kan jiran yoo ta’u, mootummaan dinagdee ilmaan Oromoo cufa quucarsuuf ifaajaa kan jiru, hawaasa qarshii kaffaluu mitii waan nyaatee bulu hin qabne yeroo yeroon hiraarsaa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading