• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Jimmaatti maqaa ijaarsa seeraan alaa jedhuun namoonni manni jalaa diigamee ture Dhagaan akka ijaaran akeekkachiifaman

Oct 17, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 12, 2024 

Lukkeeleen bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaaniif jecha yeroo adda addaatti maqaa “smart city” jedhu moggaasuun, magaalota keessaa ijaarsota garaa garaa ijaarsa seeraan alaati jechuun beenyaa tokko osoo hin kaffalin diiguu itti fufanii jiru. 

Haaluma kanaan godina Jimmaa Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa fi Aggaaroo keessatti namoonni manni jalaa diigamee daandii irratti lafti muraasni hafeef dirqamaan Dhagaa fi Qorqorroo gati jabeessaan (Adaamaa Qorqorroo) ijaarsa sadarkaa isaa eeggate akka ijaaraniif dirqamsiifamaa jiraachuu jiraattonni magaalota kanneenii Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni jedhanitti, manni nurratti diigamee bakkeetti hafne, kan hafe ammoo ijaaruuf baajeta humnaa olii qarshii kuma dhibba afur hanga kuma dhibba shan nu gaafate,  yoo ijaaruu hin dandeessan ta’e abbummaan lafaa isinirraa mulqamee kan ijaaruu danda’uuf kennama jechuun doorsifamaa jiraachuu komii isaanii dubbatu.

Itti dabaluun akka jiraattonni jedhanitti yeroo itti qaala’iinsi jireenyaa humna uummataa ol ta’ee uummanni gidiraa hamtuu keessummeessaa jirutti hawaasa harkaa mana isaa diiguun maallaqa hanga sanaan akka deebisanii ijaaran gochuun isaanii uummatichaaf yaaduu osoo hin taane gara laafina tokko malee bakkeetti hambisuu fi jireenyaan dararuudha jedhan.

Akkasuma namoonni maallaqa hin qabne ammoo lafti isaanii irraa guuramee ijaarrachuu waan hin dandeenyeef tooftaan abbaa qabeenyaatti gurgurachuuf jechuun dabaluun ibsaniiru. 

Dhimma kana irratti  Arraatni Biyyooleessa Oromiyaas rakkoo hawaasni keessa jiru jala bu’ee hordofuun gabaasaa turuun isaa  ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading