ONM-ABO Onkoloolessa 12, 2024
Ergamtoonni bilxiginnaa yeroo adda addaatti sobaan yakkuun ilmaan Oromoo golee Oromiyaa cufa keessa jiran saamicha, ajjeechaa, hidhaa fi reebicha haala duraan barameen olitti hammeessanii jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaatti saamichi jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuun ibsameera.
Torbee darbe keessa aanaa Ammayyaa ganda Arroojjii jedhamuun beekamutti loltoonni sirnichaa badii tokko malee:
- Shissaa Balaayinee jalaa horii dallaa tokko guutuu lakkoofsaan 30 ta’an,
- Fayyeeraa Waanofii jalaa sangoota 2 fi
- Abbaa Boruu jalaa horii 4 saamanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka jiraattonni gandichaa himanitti, saamichi hamaan jiraattota aanichaa irratti garmalee raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, hawaasni yaaddoo ulfaataa argaa jiraachuu fi nama maqaan isaa Abbaa Boruu jedhamu kana jalaa kana dura horii 23 jalaa saamanii jiraachuu isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.

