ONM-ABO Onkoloolessa 13, 2024
Sirni gara jabeessi dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuun lubbuu dabarsuu fi jiraatti dararu Bilxiginnaan maqaa ani Oromoodha jedhu da’eeffachuun qabsoo Qeerroo fi qarreen meeqa itti dhabaman butee erga aangootti ol ba’ee teessoo aangoo isaa tikfachuu malee waadaa gaafa uummaticha goyyomsuuf seene tokkollee osoo hojiitti hin hiikne isa qorannu malee hin hiinu jedhe dagachuun erga hidhaniyyuu gaaffii seeraa tokko malee baatiilee hedduuf hawaasa hiraarsuu fi achii baasee ajjeesuu hojii idilee taasifatee jira.
Buu’uruma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda 01 keessaa Waraanni naatoo tokkollee dhala namaaf hin qabne bilxiginnaan baatii tokkoon dura maqaa maatii qabsaa’otaa jedhuun namoota jumlaan mana hidhaatti guuruun, isinis maatii qabsaa’otaati jechuun Obbo Hajii Dimbaalaa Caalaa hadha manaa isaanii Aadde Mardiyyaa Dhaabaa Bulchaa akkasumas haadha manaa ilma isaanii Aadde Suudiyaa Almaad Hasan osoo isheen ulfa guutuun jirtu waajjira poolisii aanaa Begiitti hidhuun baatii tokkoo oliif hiraarsaa turuu maddeen ONM’f himan.
Akka Arratni Biyyoolessa Oromiyaa maddeen aanaa Begii fi namoota Waajjira Poolisichaatti dhiyoo jiran irraa odeeffatetti balleessaa tokko malee waan isaan hin ilaallanneen maatiin guutuun itti gidirfamaa kan turan yoo ta’u, Obbo Raamadan Hajii Dumbaalaa Caalaa fidi jechuun haadha manaa isaa Aadde Suudiyaa Almaad dubartii ulfa guutuu maatii guutuu waliin hidhan.
Dubartii kana gaaffii tokko malee bakka namoota hedduun guute mana hiraarsaa keessatti hidhanii achitti ciiniinsuun qabamuun daa’ima lakkuu dhiira tokkoo fi dhalaa tokko haala rakkisaa keessatti da’uu ibsaniiru.
