• Tue. Jan 13th, 2026

Haleellaa qilleensaa gabaa Kaartuum keessatti raawwatten namootni 23 galaafachuu baraartoonni Sudaan himan  

Oct 17, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2024 

Neetworkiin tola ooltota baraarsaa Sudaan Dilbata kaleessaa akka jedhetti waraanni guyyaa tokko dura bakka gabaa Kaartuum keessatti haleellaa qilleensaa raawwachuun namoonni 23 du’an.

Gabaan kun naannoo mooraa guddicha magaalaa guddoo Humnoota Deggarsa Saffisaa (RSF) kanneen l waraana sivilii namoota kuma kudhaniin lakkaa’aman ajjeese waliin lolaa geggeessaa jiranitti.

“Namoonni 23 du’uun isaanii yoo mirkanaa’u, namoonni 40 ol ammoo madaa’uu isaanii” fi “haleellaa qilleensaa waraanaa Sanbata waaree booda gabaa guddicha irratti” kibba Kaartuum keessatti raawwatameen booda gara hospitaalaatti geeffamuu isaanii Kutaaleen Deebii Hatattamaa dargaggootaan durfamu maxxansa Feesbuukii irratti ibsa baasanii mul’isaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading