ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2024
Aanaan Boojjii Coqorsaa, aanolee Lixa Wallaggaa keessaa tokko yoo taatu, uummanni Oromoo onicha keessa jiraatu bara fincila diddaa gabrummaa mormii Qeerroon bilisummaa Oromoo sirna EPRDF’f qabu daandii gubbaatti ba’ee agarsiisaa turee kaasee hanga sirni cubbuun Bilxiginnaa aangootti dhufetti lubbuun ol adeemtota kumootaan keessatti ba’aa kan jiruu fi har’as yakka tokko malee hawaasni onichaa hidhaatiin hiraarfamaa jiraachuu dubbatu
Bifuma kanaanis waraanni sirnichaa maqaa sakattaa WBO’n torbanii oliif gandoota baadiyyaatti bobbaa’anii miidhaa qabeenyaa hawaasaa irratti raawwachuun cinatti, jiraattota danuu maqaa hidhata waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun yakkanii hidhuu jabeessuun Onkoloolessa 10, 2024 ganda Sibuu Eebbichaa keessa shamarran lama kan maqaan isaanii; Jaallee Xilahuu Tolaa fi Tsiyoonee Qannoo Ayyalaa jedhaman WBO’f rifeensa dhooftan jechuun qabanii hidhaatti kan darbatan ogguu ta’u, dargaggoo Iyyaasuu Yohaannis Guuttataa ammoo nyaata guurtaaf jechuun akka qabanis jiraattonni ONM’tti himan
Kana malees waraanni faashistii PP maqaa sakattaa WBO’n bobbaa’an kunneen uummata hundaa baarjaa sobaa itti maxxansuun loogistikii WBO’ti maqaa jedhuun dargaggoota daandii gubbaatti argan gaaffii seeraa tokko malee ajjeesuu fi mana hidhaatti darbataa akka jiranis ONM odeeffateera.

