• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Malkaa Bal’ootti ergamtoonni Bilxiginnaa dhaabbata miti mootummaa harka qalleeyyiif dabtara raabsu dhaabsisuun hojjettoota isaa hidhaatti darbachuun himame

Oct 18, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2024 

Ergamtoonni bilxiginnaa gargaarsa dhaabbata miti mootummaa irraa ilmaan Oromoof godhamu hunda hinaafuun gargaarsa dhorkaa jiraachuu fi namoota dhaabbata bakka bu’an hidhaatti darbachuu jabeessee kan itti fufuun, godina Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’ootti ergamtoonni bilxiginnaa dhaabbata miti mootummaa harka qalleeyyiif dabtara raabsu dhaabsisanii hojjettoota isaanii hidhaatti darbachuun himamee jira.

Aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Tokkummaa Jaalalaa jedhamuun beekamutti dhaabbanni miti mootummaa harka qalleeyyiif dabtara barnootaa barattootaaf raabsu tokko ergamtoota sirnichaan akka dabtara harka qalleeyyiif hin kennine dhorkamuu jiraattonni araddichaa addeessan.

Akka jiraattonni addeessanitti, Onkoloolessa 8, 2024 dhaabbata miti mootummaa bakka bu’ee kan dabtara harka qalleeyyiif raabsu dargaggoo maqaan isaa Ibsaa Shariif jedhamu irratti reebicha hamaa qaama isaa miidhu irratti geggeessan.

Namni reebicha hamaa ta’e irratti raawwate itti gaafatamaa waajjira bulchiinsaa fi nageenya aanaa Malkaa Bal’oo kan ta’e nama maqaan isaa Abdii Huseen Adalee jedhamu ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading