• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaa keessatti hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon bulchaan bilxiginnaa tokko ukkaamfamuun achi buutee dhabamsiifame

Oct 18, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2024 

Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo jechuun of waaman duula duguuggaa sanyii Oromoota Walloo irratti banuun ajjeechaa suukkanneessaa, saamicha qabeenyaa, gubaatii manneenii fi buqqaatii hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiraniin cinaatti namoota ukkaamsuun maallaqa humnaa olii namoonni kaffaluu hin dandeenye gaafachuun yeroo irraa dhabanittis ta’e erga irraa fudhatanii lubbuu namootaa akkuma salphaatti balleessaa jiru.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaatti Onkoloolessa 11, 2024 humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa kun riphanii ganda Tuchee seenuun bulchaa bilxiginnaa ganda Goobayyaa kan ta’e nama maqaan isaa Mahaammad Adam Arbiyyee jedhamu qabanii maallaqa guddaa gaafachuun, yeroo inni homaa hin qabu jedhuun yoo maallaqa nu si gaafanne kaffaluu dadhabde si ajjeefna jechuun doorsisaa turuu fi yeroo ammaa bulchaa Bilxiginnaa kana ajjeefnee jirra jechuun dhaadachaa akka jiran dhagaa’ameera.

Humnoonni badii Finxaaleeyyii Amaaraa akeeka sirna moofaa bakkeetti deebisuuf rafanii hin bulle kun godina Walloo aanaalee garaa garaa keessatti namoota 5 hanga 10 ta’aniin gurmaa’anii daandii bukkee riphanii ooluu fi galgala galgala yeroo hawaasni rafu qe’ee hawaasaatti seenuun namoota hedduu qabanii ukkaamsuu fi saamicha qabeenyaas raawwachaa jiraachuu jiraattotni godina Walloo dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading