• Wed. Jan 14th, 2026

Tumsi waliigaltee laga Abbayyaa biyyoota kaaniin fudhatamus Masrii fi Sudaaniin fudhatama dhabe

Oct 18, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2024 

Waliigalteen bu’uuraa waldaa hojii gamtaa bishaan Naayilii (CFA) Dilbata kaleessaa ifatti hojiirra oolus, Masrii fi Sudaan diduu akka itti fufan, muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa himan.

Waliigaltichi Komishinii Bishaan Laga Abbayyaa (NRBC) kan hundeessu yoo ta’u, qaama dhaabbataa dhimmoota bulchiinsa Naayilii irratti tumsa naannolee gidduutti taasifamu guddisuu fi qindeessuuf itti kennamedha.

Masrii fi Sudaan hanga ammaatti waliigaltee kana kan kuffisan yoo ta’u, CFAn biyyoota olka’aa kanneen akka Itoophiyaa, Ruwaandaa, Sudaan Kibbaa, Yugaandaa, Taanzaaniyaa, fi Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo dabalatee mallattaa’ee jira.

Lagni Abbayyaa keessumaa Masrii fi Itiyoophiyaa gidduutti madda waldhabdee ta’ee kan ture yoo ta’u, laga Abbayyaa guddaa kan ta’e laga Biluu Naayil irratti ijaarsa Hidha Haaromsa Itoophiyaa guddicha (GERD) eegaluu isheeti.

Itiyoophiyaan hidhichi guddina diinagdee isheetiif barbaachisaa akka ta’etti kan ilaaltu yoo ta’u, dhiyeessii bishaanii gara gadiitti argamuuf balaa akka hin qabne cimsitee dubbatti.  

Masriin immoo Ijaarsi Hidha Haaromsa Itoophiyaa guddichi akka balaa qabaachuu danda’uutti kan ilaaltu yoo ta’u, guutinsaa fi hojii hidhichaa irratti waliigaltee dirqamaa gaafatte jechuun BBCn gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading