• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Gujii Lixaa Aanaa Dugdaa Daawwaa keessaa loltoonni murna bilxiginnaa tajaajilaa turan sadii qawwee fi hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennatan

Oct 20, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 15, 2024  

Gaaffii seeraa tokko malee hidhamuu, saamamuu, manneen gubachuu fi ajjeefamuun uummata Oromoo Oromiyaa keessatti ajaja olii itti kennameen loltoota isaaniin raawwatamaa jiru har’a Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo beekaniis ta’e osoo hin beekin mooraa yakkamtootaa PP seenan daba ulfaataa kana uummata keenya irratti hin raawwannu jechuun gara mooraa ABO-WBO’n geggeeffamaa jirutti dabalamaa jiru.

Bifuma kanaan godina Gujii Lixaa aanaa Dugdaa Daawwaa moonaa Dooyaa jedhamu irraa loltoonni sirnichaa sabaan Oromoo ta’an sadii (3) qawwee fi hidhannoo isaanii guutuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo bakkicha keessa socho’utti harka kennatanii  jiru.

Akka loltoonni Raayyaa Ittisa Impaayerattii jedhaman kun yaada isaanii WBO bakkicha keessa socho’utti dubbatanitti jalqabuma fedha isaanii malee dirqamaan ukkaafamanii gara mooraa leenjii sirnichaa akka seenan dubbatu.

Erga leenjinee baanee boodas meeshaa hidhannee gaafa dirreetti bobbaanu kun deggeraa WBO’ti, akkasumas qabeenya isaaniiti maqaa jedhuun manneen gubuu, saamicha, hidhaa fi ajjeechaan raawwatamu hedduu nu aarsuun saba keenya irratti waan dabaa hin hojjennu jechuun keessaa baane jedhan.

Namootni kun namoota nagaadha maaliif ajjeefamu, akkasumas manni isaanii maaliif gubata jettee gaaffii gaafachuu hin dandeessu, dubbannaan atuu mataan kee ergamaa isaaniiti jedhamuun ajjeechaa fi hidhaan sirratti raawwatama jedhan.

Akkasumas mooraa isaanii keessa walii galteen akka hin jirree fi yeroo irraa gara yerootti wal ajjeesuu fi keessaa baduun daran hammaatee walii isaaniin wal shakkuu irratti argamus jedhan.

Xumura irrattis murni bilxiginnaa uummata Oromoo bakka akka hin buunee fi duguuggaa sanyii irratti raawwachaa akka jiru kaasuun, ilmaan Oromoo dhalootaan Oromoo taatan beektaniis ta’e osoo hin beekin sirnicha tajaajilaa jirtan yeroon uummata keessan miidhuu irra gara qabsoo sabaa ABO-WBO’ geggeeffamaa jiruutti dabalamaatii saba keessan du’a jalaa oolchaa jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading